Fana: At a Speed of Life!

Pirojektii “Nekemte Steel Processing Plant” itti fufsiisuuf waliigalteen mallatta’e

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)- Gareen Itiyoo-Injiinariingi fi Dhaabbanni Xaaliyaan’i Daaneelii Pirojektii “Nekemte Steel Processing Plant” jijjiramaan duraa addan cite ture itti fufsiisuuf waliigaltee mallatteesan.

Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Garee Itiyoo-Injiinariingii Ambaasaaddar Suleeymaan Daddafoo fi Garee Daaneelitti Pireezidaantii Piroojeektiiwwan Tumsaa Afrikaa Daaniiloo Diroolinii mallatteesaniiru.

Piroojektichi jijjiramaan duraa Yuuroon miiliyoonni 50’n eegalchiifamus, gara hojiitti osoo hingaliin kan ture ta’uu ragaan Garee Itiyoo Injiinariingiirraa argame ni mul’isa.

Piroojektichi sibilaa toonii kuma 300 oomishuuf humna kan qabu akka ta’ee ibsameera.

Pirojekticha wayitaa xumuramuun guutummaatti hojii eegalu dhiyeessii sibilaa biyyaattiif faayidaa olaanaa akka qabatuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.