Fana: At a Speed of Life!

Pirojektii misooma annisaa hurkaa Tulluu Mooyyeef deeggarsi Doolaara miiliyoona 10 eeyyamame

Finfinnee, Muddee 4, 2015 (FBC)-Baankiin Misooma Afrikaa, Ityoophiyaatti Pirojektii Misooma annisaa hurkaa Tulluu Mooyyeef deeggarsi Doolaara miiliyoona 10 eeyyame.

Pirojektiin misooma anniisaa hurkaa wayita xumuramu humna elektirikii meeggaa waattii 150 ni maddisiisa jedhameera.

Ityoophiyaan deeggarsa maallaqichaa kan argatte baankichi filmaata dhiyeessii anniisaa elektirikii irratti biyyoota Afrikaa hojjetaniif akka ooluuf fandii tumsa dhaabbilee tola ooltummaa idil addunyaan dhiyaateen ta’uu eerameera.

Deeggarsa maallaqichaas Boordiin Daayrektarootaa Baankii Misoomaa Afrikaa dhimmicha irratti erga mari’ateen boodaa raggaasisuun ibsameera.

Pirojektiin anniisaa hurkaa Tulluu Mooyyee bara faranjootaa 2020’tti Koorporeeshinii Faayinaansii Misomaa Idil Addunyaa Ameerikaarraa deeggarsa Doolaara biiliyoona 55 argachuun ibsameera.

Dabalataan, dhiyeessii anniisaa hurkaa fi tajaajila hir’isa sodaarraa deeggarsi Doolaaraa miiliyoona 9.9 akka eeyyamameef eerameera.

Dhiyeessii Anniisaa Elektirikii Waaraa Afrikaa Bahaa fi biyyoota anniisaa hurkaarratti hojjetan jajjabeessuuf kan dhiyeessuu ta’uu CGTN Inarjiin gabaaseera.

Pirojektiin madda annisaa elektirikii hurkaa Tulluu Mooyyee, Finfinneerraa gama Kibba Bahaatti kiiloomeetira 100’rratti kan argamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.