Fana: At a Speed of Life!

Pirojektii fooyyeessa jireenyaa naannawaa gammoojjiin horsiisee bultoonni miiliyoona 2 fayyadamtoota ta’aniiru jedhame

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)- Pirojektii fooyyeessa jireenyaa naannawaa gammoojjiin horsiisee bultoonni miiliyoona 2 fayyadamtoota ta’uu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Pirojektiin fooyyessa jireenyaa naannawaa Gammoojjii wagootaa ja’aaf turuu bochamuun hojiitti seenamuun eerameera.

Pirojektichi jireenya horsiisee bultootaa fi gariin horiisee bultootaa kan fooyyessu ta’uun ibsameera.

Ministeerichi raawwii bara 2015 fi karoora 2016 ilaalchisee waltajjii gamaaggamaa kan gaggeesse yoo ta’u, bara baajataa 2015’tti pirojektichaan horsiisee bultoonni miiliyoona 2 ol fayyadamtootaa ta’uun ibsameera.

Pirojektichi aanaalee 100 naannolee Oromiyaa, Somaalee, Afaar, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa fi Kibbatti hojiirraa oolfamaa akka jiru eerameera.

Bara baajata 2016’ttis pirojektichaaf Birrii biiliyoonni 5.6 akka barbaachisuu eeruun, Baankii Addunyaa fi Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaan kan deeggaramu ta’uun ibsameera.

Xiyyeeffannaan pirojektichaas naannawaa horsiisee bultootaa fi gariin horsiisee bultootaatti misooma qindaa’aa babal’isuu, sanyiilee beeyladootaa fooyyessuu fi gabaa babal’isuu, tajaajiloota bu’uuraalee misoomaa ammayyeessuu fi humna namaa ga’oomsuuf ta’uun himameera.

Fatiyaa Abdaallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.