Fana: At a Speed of Life!

Pirofeesaroota Abbaa fi Ilma

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)– Pirofeesar Baayyee Yimaam (Abbaa) fi Pirofeesar Qaala’aab Baayyee Yimaam (Ilma) hayyoota Yuunivarsiitiin Finfinnee horateedha.

Hayyoonni lameen barnoota sadarkaa olaanaa isaanii Yuunivarsitii Finfinneetti eegaluun, Ogummaa isaaniinis Yuunivariiticha tajaajilaa fi hayyoota bakka bu’aniin horachaa jiru.

Pirofeesar Baayyee Yimaam waggoota 44 akkasumas Pirofeesar Qaala’aab Baayyee waggoota 15 barsiisummaan, qorannoo gaggeessuu fi itti gaafatama hojii garaagaraan tajaajilaa turaniiru; ammas hayyoota tajaajilaa jiraniidha.

Lameen isaanii (Abbaa fi Ilmi) Digirii 3ffaa isaanii ergaa xumuranii waggaa 10 isaaniitti gulantaa Pirofeesarummaa guutuu Yuunivarsiiticharraa argataniiru.

Pirofeesar Qaala’aab Baayyeen hayyootaa Pirofeesarummaa Guutuun baranaa kennameef keessaa tokko ta’uu ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

Gulantichis barsiisuummaa bu’aa qabeessaan, barreeffamoota qorannoo 13 maxxansiisuun, tajaajila akkaadaamikiin hawaasa tajaajiluu fi bulchiinsa dhaabbataa Yuunivarsiitichatti qabaataniin ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.