Fana: At a Speed of Life!

Pirofeesar Birhaanuun Daayrektara Dhaabbata Karoora Barnootaa Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Dhaabbata Mootummoota Gamtooaniitti Daayrektara Dhaabbata Karoora Barnootaa Idil Addunyaa Maartiin beenaaviidsan waliin mari’ataniiru.

Ijaarsa dandeettii ogeeyyii qophii karoora barnootaa yuunivasiitiiwwanii, biirolee barnootaa naannolee haaraa gurmaa’anii fi Ministeera Barnootaarratti mari’ataniiru.

Pirofeesar Birhaanun, damee barnoota olaanoon Itiyoophiyaan hammattoowwan imaammataa fi dameewwan xiyyeeffannaa yuunivarsiitiiwwanii fi walabummaa dhaabbatummaa barnoota olaanoo mirkaneessuurratti hojiilee riifoormii gaggeeffamaa jiran ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Daayrektarri Dhaabbatichaa Maartiin Beenaaviidsan gama isaaniin, Ministeera Barnootaa waliin caalmaan walitti dhiyeenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu mirkaneessaniiru.

Marichaanis gamlameen walta’iinsaa jiru guddisuu fi cimsuun hojiilee ijaarsa dandeettii damee barnootaa hojjechuuf waliigalteerraa ga’amuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.