Fana: At a Speed of Life!

Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos du’aan boqotan

Finfinnee, Fulbaana 7, 2017 (FBC)- Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos du’aan Addunyaa kanarraa boqotan.

Pirofeesar Bayyanaan du’aan boqochuu ilaalchisuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Dooktar Abiy erga gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Pirofeesar Bayyanaan Itiyoophiyaatti aadaa siyaasaa ijaaraa uumuuf gumaacha olaanaa kan taasisan mallattoo qabsoo siyaasa nagaati jedhan.

Pirofeessar Bayyanaan yeroo dheeraaf wal’aansarraa turuun du’aan addunya kanarraa boqochuu isaaniin gaddi cimaan itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Dhaalaa fi hambaan isaan tursiisan cimee akka itti fufu, lubbuun isaanii akka nagaan boqottun hawwa jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.