Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer Liigii Ingilaandin taphni darbii Kaaba landan har’a taphatamu hawwiin eegama

Finfinnee, Fulbaana 5, 2017 (FBC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 4ffaan taphni har’a Tootenhaamii fi Arsenaal gidduutti taphatamu hawwiin eegama.

Taphni darbii kaaba Landan kun har’a waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee taphatama.

Kilaboonni lamaan bara Faranjootaa 1909 eegalee taphoota 195 waliin taphatan keessaa Arsenaala yeroo 82 yoo injifatu, Tootenhaam yeroo 61 injifachuun, si’a 52 ammoo qixa bahaniiru.

Falmiin har’a yeroo 196ffaaf kilaboota lamaan gidduutti taasiifamu xiyyeeffannoo argateera.

Tapha biroon waaree booda sa’aatii 12:30 irraa eegalee Woolviis Niwuukaastiil waliin falmata.

Maddi:- BBC Sport

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.