Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 5ffaan taphni Maanchiister Siitiin Arsenaal keessummeessu hawwiin eegama

Finfinnee, Fulbaana 11, 2017 (FBC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 5ffaan har’aa eegaluun taphatamu.

Taphoonni torbee 5ffaa kun har’a waaree booda sa’aatii 8:30 eegalee kan taphatamu yoo ta’u, taphni Weest Haam – Cheelsii waliin taphatu ni eegama.

Waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Astoon Viilaan – Woolviis, Fuulhaam – Niwuukaastiil, Leesiister Siitiin – Eevartan, Liiverpuul – Boornimaawuuz, Saawuuz hampitan – Ipisiwiich Taawoon, Tootenhaam – Bireentifoord waliin yoo taphatan galgala sa’aatii 1:30 irraa eegalee Kiristaal Paalaas – Maanchiister Yuunaayitiid waliin falmata.

Taphni Boru Maanchiister Siitiin galgala sa’aatii 12:30 eegalee Arsenaal keessummeessu hawwiin eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota waliin taphatan 211 keessaa Arsenaal yeroo 99 yoo injifatu, Maanchiister Siitiin ammoo 65 injifachuun si’a 47 qixaan xumuraniiru.

Taphoota Piriimeer liigichaa bara kanaa hanga ammaatti taphatameen Maanchiister Siitiin qabxii 12 walitti qabachuun dursaa jira.

Arsenaal qabxii 10 sadarkaa 2ffaarratti argama.

Maddi:- BBC Sport

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.