Fana: At a Speed of Life!

Pirezidanti Saahilawarqi Zawudee Hoji Gaggeessaa Giddugala Madaqsaa Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Pirezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee Hoji Gaggeessaa Olaanaa Giddugalaa Madaqsaa Idil Addunyaa (GCA) Pirofeesar Paatiriik Varkujiin waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.

Marii isaaniinis, Pirezidaanti Saahilawarqi, Ityoophiyaan karoora giddugala madaqsa biyyaalessaa qopheessuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan akka biyyaa fi Ardiitti jijjiirama qabeenyaa qilleensaaf kan hingumaachine garuu dhiibbaan jijiirama qilleensaa irra ga’uu olaanaa ta’uu eeraniiru.

Giddugalli Madaqsa Idil Addunyaa fi Baankiin Misooma Afrikaa, sagantaa madaqsa deeggaruuf kan dandeessisuu maallaqa walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu eeruu ragaan Waajjira Pirezidantiirra argamae ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.