Fana: At a Speed of Life!

Pirezidaantonni naannolee garaagaraa garee Atileetiksii Ityoophiyaaf ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 21,2014 ( FBC)- Pirezidaantonni naannolee garaagaraa garee Atileetiksii Ityoophiyaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad Atileetota Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaan injifannoo galmeessisaniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Obbo Musxafee Mahaammad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Atilet Daraartuun garicha ogummaa ga’umsa qabuun hogganuun bu’aa quubsaa waan galmeessisiifteef galateeffataniiru.

Pirezidaantiin naannoo Hararii Obbo Oodriin Badriin gamasaaniin, injifannoon gama atileetiksiin argame tokkummaa biyyattii daran kan cimsu ta’uu eeruun, atileetota injifannicha galmeesisaniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Injifannichi gamtaan, walgargaaruufi waldeeggaruun hojjennaan yeroo rakkisaa keessatti bu’aa qabeessa ta’uun akka danda’amu kan mul’isudha jedhaniiru.

Injifannoo boonsaan shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa 18ffaarratti argame hojiilee biroorratti irra deebiin galmeessisuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu eeruu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Injifannoon atileetonni Ityoophiyaa galmeessisan tokkummaa Ityoophiyaanotaa addunyaarratti kan mul’ise ta’uu kan ibsan ammoo Pirezidaantii naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadilii Hasani.

Pirezidaantichi injifannoo cululuqaa atileetonni biyyattii galmeessisan dinqisiifachuun galateeffataniiru.

Injifannoo atileetonni galmeessisan kun iccitiin qormaata keessa ba’uu tokkummaa ta’uu qabatamaan kan mul’ise jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.