Fana: At a Speed of Life!

Pireezidanti Shimallis Inisheetiivii Ruuzii eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessaa 17, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa Inisheetiivii Ruuzii Godina Buunnoo Beddelleetti eegalchiisan.

Sirna jalqabsiisaa Inisheetivichaarratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa, Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaan, “Dikilaareeshinii Inisheetivi Misooma Ruuzii Baddallee (Bedele Rice Development Initiative Declaration)“ akka Inisheetivii qonnaa dabalataatti labsuu gama miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsaniiru.

Hooggansi jijjiiramaa, imala badhaadhinaa qabate milkeessuuf hojii hojjechaa jiruun, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun dhimma ijoo ta’uu hubachuun, oomishaalee baraman cinaatti, oomisha haaraa jalqabuu yaadachiisniiru.

Kanneen keessaa tokko oomisha ruuzii yoo ta’u, waggaa lama dura heektaara kuma 6 kan jhalqabame ta’uu fi yeroo ammaa heektaara miiliyoona 1 irraan ga’amuu ibsaniiru.

Bara oomishaa 2016/17 irraa jalqabees ruuzii biyyi keenya sharafa guddaan alaa galchitu guutumatti kan hambifamu ta’uu kaasaniiru.

“Humni guddaan ummanni keenya qabu qonna keessa jira” jedhanii, tarkaanfiilee addaa (Inisheetivoota) kan jalqabne adeemsa barame keessaa baanee, dilbii qabnu barree, ariitii, qulqullinaa fi baay’inaan yoo hin hojjetame badhaadhinni hawwamu hindhugoomus jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaatti bara kana Ruuzii lafa heektaara miiliyoona 1 irratti misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 44 caalu argachuuf karoorfamee hanga ammaatti heektaara kuma 735 fi 518 irratti faca’uu ibsameera.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.