Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantoonni naannolee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2016 (FBC) – Pireezidaantoonni naannolee Ayyaana Iid Al Adaha waggaa 1445ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluu, kan Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasanii fi Itti Aanaan Pireezidaantii naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indashaaw Xaasaw Ayyaana Iid Al Adaha waggaa 1445ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hawaasni musiliimaa ayyaana kana waayita kabajan kan rakkatee fi harka qalleeyyii gargaaruun kabajuu akka qaban Obbo Umood Ujuluun dhaamaniiru.

Barsiifata amantichaa nageenya, jaalalaa fi walii yaaduu lallabuu waan ta’eef lammiilee gidduutti tokkummaa, walummaa, obbolummaa fi dhiifama waliif taasiisuun gidduuf qooda olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan himaniiru.

Hawaasni Musiliimaa Lammiilee sababoota adda addaan rakkoof saaximan cinaa dhaabbachuun ayyaana kana kabachuun akka qaban Pireezidaantiin Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indashaaw Xaasaw waamicha dhiyeessaniiru.

Pireezidaantoonni kunneen Ayyaanni kun ayyaana obbolummaa, jaalalaa, tokkummaa fi waloomaa akka ta’u hawwaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.