Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantoonni naannolee ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan waliigaltee karra Galaanaa argachuu mallatteessuu hordofee Pireezidaantoonni naannolee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin sanadni waliigaltee kun tattaaffii Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasiftuuf galtee guddaa ta’uu ibsaniiru.

Uummanni Itiyoophiyaa hundi baga gammaddan jedhaniiru.

Waliigaltichi karra galaanaa qofaaf osoo hin taane tumsaa gama hedduuf qooda qabaachuu eeraniiru.

Pireezidaantiin naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasanis ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Itiyoophiyaan damee Dippiloomaasiin bu’aa gaarii galmeessuun kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Waliigaltichis hariiroo naannawichaaf faayidaa qabaachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.