Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantonni naannolee garaagaraa du’aan boqochuu Artist Alii Birraan gadda itti dhagahame ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015(FBC)- Pireezidaantonni naannolee garaagaraa du’aan boqochuu Artist Alii Birraan gadda itti dhagahame ibsataniiru.

Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan, du’aan boqochuu Artist Alii Birraan gaddi cimaan itti dhagahamuu ibsaniiru.

Artist Alii Birraan Artii Ityoophiyaafi qaroomina isheef gahee mataasaa kan bahate qofa osoo hin taane dhaloota egereef fakkeenya ta’ee kan darbe artistii ajaa’ibaati jedhan.

Alii Birraan hojiilee artii waldanda’uu, waliin jireenya, jaalalafi tokkummaa Uummata biyyattii cimsan Ityoophiyaaf gumaachuu eeraniiru.

Du’aan boqochuu artistii gameessa Alii Birraan gaddi guddan itti dhagahamuu ibuun, maqaa isaaniifi mootummaa naannichaan maatii,firootafi dinqisiifattoota isaaf jajjabina hawwaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Pireezidaantiin mootummaa naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaan addunyaa kanarraa du’aan boqochuu Artist Alii Birraan gaddi itti dhagahamuu ibsaniiru.

Artist Alii Birraan laphee uummata biyyattii keessaa kan hin banneefi artistii biyyaaf oolmaa guddaa oole ta’uu ibasniiru.

Dooktarri Kabajaa Artist Alii Birraan hojiilee artiisaan jaalala, waliif yaaduu, tokkummaa labsuun ashaaraa artii baraan hin jijjiiramne kaa’ee kan darbe abbaa oolmaa keenyaati jedhan.

Artist Alii Birraa du’aan darbus hojiileen isaa baraa baratti kan ce’an ta’uu eeruun, du’aan boqochuu isaatti gadda guddaan itti dhagahamuu ibsaniiru.

Maatii, firoottaniifi dinqisiifattoota isaa maraaf jajjabina hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.