Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saami’aan Suluhuun Hasan Finfinnee galan
Finfinnee, Guraandhala 9, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saami’aa Suluhuu Hasan Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Ministirri Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun simataniiru.
Saami’aa Suluhuu Hasan Taanzaaniyaatti pireezidaantii dubartii jalqabaati.
Hoggantoonni yaa’icharratti hirmaatan kaleessaa eegalee Finfinnee Seenaa kan jiran yoo ta’u, Pireezidaantiin Seeraaliiyoon Juuliiyes Maadaa fi Itti aanaan Pireezidaantii Ugaandaa Jeesiikaa Rooz Eeppil Finfinnee seenuun isaanii kan yaadatamuudha.
Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaan Guraandhala 11-12, 2015 Galma Walga’ii gamtichaatti ni gaggeeffama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.