Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Soomaaliyaa daawwannaa hojii Ityoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad daawwannaa hojii Ityoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyyaatti deebi’aniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaa taasisaniifiiru.

Pireezidaantichi turtii Ityoophiyaatti taasisaniin, Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiifi Muummee Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii waliin mari’ataniiru.

Marii Muummeen Ministiraa hoggantoota biyyoota lameenii waliin taasisan tumsa gam-sadee cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Anga’oonni kunneen dhimmoota bu’uuraalee misoomaafi diinagdeerratti haala waliin hojjechuu danda’an irratti mari’achuu ragaan Waajjira Muummee Ministeeraarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.