Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin naannoo Ummattoota Kibbaa Injifannoo Adwaa waggaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Ummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaaw injifannoo Adwaa waggaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Olka’iinsa Ityoophiyaa mirkaneessuuf tokkummaa cimsuun murteessaa ta’uu Obbo Ristuun ibsaniiru.

Akkummaa abbootiin tokkummaan diina injifatan nutis rakkoolee qunnaman hunda innjifachuuf tokkummaan dhaabbachuun barbaachisaadha jedhan ergaa isaaniin.

Injifannoon Adawaa mallattoo ummattoota gurraachaa ta’e kun injifannoo ummanni Ityoophiyaa marti wareegama qaaliin galmeessan ta’uu himaniiru.

Injifannoon Adwaa injifannoo seenaa bara baraan jiraatu mallattoo, tokkummaa, gootummaa fi cichoomaa ta’uu eeraniiru.

Ammas diina waloo kan ta’e hiyyummaa fi doofummaa injifachuun murteessaa ta’uu ergaa isaaniin kaasaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.