Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Moritaaniyaa Mahaammad Oldi Gaawuzaanii Dura Ta’aa Gamtaa Afrikaa 2024 ta’uun filaman

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Moritaaniyaa Mahaammad Oldi Gaawuzaanii Dura Ta’aa Gamtaa Afrikaa 2024 ta’uun filamaniiru.
Mortaaniyaan Dura Taa’ummaan gamtichaa Morokoorraa fuuteetti.
Yaa’ichaas Mooritaaniyaan Dura Taa’ummaan kan gaggeessitu yoo ta’u Pireezidaantiin Biyyattii Mahaammad Oldi Gazuwaaniin bara 2024 duraa taa’ummaan kan hogganaan ta’uun ibsameera.
Barnoonni guddina hundagaleessaaf bu’uuraa ta’uu kan kaasaan Pireezidanti Mahaammad Oldi, humni nama baratee rakkoolee ardittii furuuf kan dandeessisuudha jedhan.
Kanaaf qabeenya jiru bu’uuraalee misoomaa barnootaa ijaaruu fi hojiilee walfakkaataan biroof oolchuun barbachisaa ta’uu dubbataniiru.
Dabalataan, walitti bu’iinsa ardittiitti mudatan ittisuuf dargaggoonni barnoota, qo’annoo fi qorannoorratti bobba’uun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Saamu’eel Warqaayyoo fi Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.