Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Kaabinee isaanii diigan

Finfinnee, Adoolessa 4, 2016 (FBC) – Mormii Ummataa mudate hordofee Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Kaabinee isaanii hojiirraa gaggeessaniiru.
Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon aanga’oota lamaan ala Kaabinee hunda gaggeessaniiru jedhame.
Barreessaa Kaabinee kan turan Muusaaliyaa Muudaavaadii fi Itti Aanaa Pireezidaantii Riigaatii Gaachaaniin ala Kaabinee hafan hunda guutummaatti hojiirraa gaggeessuu eeraniiru.
Murtoo Seera Faayinaansi ragga’e sababeeffachuun mormii ummataan guutuu biyyattiitti mudate hordofee murtoo kanarra ga’uu Pireezidaanti Wiiliyaam himuu ‘ Citizen TV Kenya,The Star Kenya’ dabalatee miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.