Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Hindii haaraan Dirooppaadii Murmuu sirna kakuu raawwatan

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Waggoota 15 booda dubartiin Pireezidaantii Hindii ta’uun filaman Dirooppaadii Murmuu sirna kakuu raawwataniiru.

Guyyaa har’aa magaalaa gudditti Hindii Niwudeelhiitti kan argamuu galmaa paarlaamaa giddugaleessaatti kakuu kan raawwatan Dirooppaadii Murmuu, bara Faranjootaa 2007 filannoo biyyaalessaa gaggeeffamerratti dubartii jalqabaa pireezidaantummaan biyyatti gaggeessan Piraatiibaa Paatiilitti aanuun pireezidaantummaan biyyattii gaggeessuuf kan filataman dubartii lammaffaadha jedhameera.

Paartii biyyaa bulchu “Naashinaal Diimokiraatik Alleyaansi” jedhamu keessaa kan ba’an Dirooppaadii Murmuu, injifachuun biyya gaggeessuuf kan qaqqaban sagalee marsaa sadiin kennamee waliigalaa keessaa %50 argachuun eerameera.

Pireezidaanti Murmuu, Hindii gama Bahaatti kan argamtu naannawaa Odiishaatti barsiisummaan hojii kan eegalan ta’uu fi addunyaa siyaasaa bara faranjootaa 1997 akka eegalan CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.