Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Siilvaan Golhambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti daawwannaarra kan jiran Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Siilvaan Gola Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaa simachuun Golhambicha daawwachiisaniiru.

Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaan Adwaan injifannoo boonsaa ummattoota guraachaa ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Siilvaan kaleessa galgala daawwannaa hojiif Finfinnee galuun isaanii kan yaadatamuudha.

Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaan Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa jala Abaaboo kaa’uu isaanii Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.