Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Baankii Addunyaa dubartoota Indaastirii xixiqqaa fi giddugaleessaan hojjechaa jiran daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 26, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Aajaay Baangi dubartoota Indaastirii xixiqqaa fi giddugaleessaan gurmaa’uun hojjechaa jiran daawwataniiru.

Deeggarsa mootummaa Ityoophiyaa fi Baankii Addunyaan kan gaggeeffamuu Sagantaa Misoomaa Intarpirenarshiippii dubartootaan fayyadamtotaa kanneen ta’an dubbisaniiru.

Daawwannaa isaaniinis oomisha kopheerratti kanneen bobba’an kan daawwatanii fi hojiilee gaggeeffamaa jiran dinqisiifataniiru.

Dubartoonni hedduun deeggarsa argataniin kanneen biroof carraa hojii uumuu kaasanii, carraa kanas kanneen biroof hedduuf uumuun akka danda’amu arguu ibsaniiru.

Dargaggoonni hojii uumtota ta’an deeggarsa faayinaansii yoo argatan hojjechuu akka danda’anii fi Ityoophiyaan humna namaa diinagdee ishee guddisuu danda’u kan qabdu ta’uu Pireezidantiin Baankichaa eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.