Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ajeey Baangaan Giddu gala to’annoo humna Elektirika Ityoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ajeey Baangaan Giddu gala to’annoo humna Elektirika Ityoophiyaa daawwataniiru.

Ministir Deetaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Dooktar Sulxaan Waliin Pireezidaanticha simachuun daawwachiisaniiru.

Hojiilee sararoota daddabarsa humnaa deeggarsa baankichaan hojjetamaa jiranii fi karoora yeroo itti aanuu ilaalchisee Pireezidaantichi ibsa taasisaniiru.

Pireezidaanti Ajeey Baangaan ibsa taasifameefiif galateeffachuun, Humni Elektirikaa guddina biyya tokkoof murteessaa ta’uu eeraniiru.

Yeroo itti aanu hanqina damichaan jiru furuuf deeggarsa barbachisu hunda kan taasiisan ta’uu waadaa galaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.