Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantii Shimallis Abdiisaan Komishinara Haaromsa Biyyaalessaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC)-Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Komishinara Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa waliin mari’ataniiru.

Mariichaarratti Komishinaraa Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashomaa Togaa, Ittaanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Waltajjicharratti Pireezidaanti Shimallis akka jedhanitti mootummaan naannichaa sagantaa loltoota duraanii deebisanii dhaabuu fi hawaasa miidhame deeggaruu kan jalqabe fi ammas komishinicha waliin hojjechuuf mootummaan naannichaa qophiidha.

Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan gama isaaniin, kaayyoon komishinichaa inni olaanaan loltoota duraanii biyyaa fi ummataaf tajaajila biyyoolessaa kennanii fi waraana biyyattii mudate keessatti wareegama kaffalan deebisanii dhaabuuf akka ta’e ibsaniiru.

Dabalataanis dogoggora darberraa baratamee, rakkoo jiru karaa nagaan furuun akka barbaachisu eeruun, kana booda waraanni karaa kamiinuu furmaata ta’uu hinqabu jedhan.

Nageenya waaraa biyyaa mirkaneessuuf loltoota duraanii deebisanii dhaabuun murteessaa ta’uu kan ibsan Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan, kana hojiirra oolchuuf gaheen naannolee murteessadha jedhaniiru.

Mariin kun walhubannaa fi kallattii hojii fuulduraaf bu’uura ta’uu ibsamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.