Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantii Saahilawarqi beekamtii Dubartootaa Adda Duree argatan

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Yaa’ii waggaa Hoggantootaa Siyaasaa Dubartootaa irratti Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen beekkamtii Dubartootaa Adda Dureef argataniiru.

Sirni beekamtii kun Paarlaamaa Beeliyam, Biraasalsitti kan gaggeeffamerratti yoo ta’u dubartoonni hoggantoonni biyyoota garaagaraa argamaniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi, pireezidaantii dubartii jalqabaa Ityoophiyaa ta’uu dabalatee kanaan dura hoggantummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qabaachaa turaniin adda duree ta’uun beekkamticha argachuun eerameera.

Pireezidaanti Saahilawarqi sirna beekamticharratti haasawaa taasisaniin, badhaasichi dubartoota jajaboo, buufata da’eeffaannaa kan jiran, booji’amanii wal’aansarra kan jiran wayita daawwatanitti kanneen fedhii barachuu akka qaban itti himan, qofaa isaanii itti gaafatamni maatii bulchuu kan irra jiru, kanneen kennaa addaa qabaniin abdii nuuf kennan, dubartoota biyya koof haa ta’u jedhaniiru.

Dabalataan, jala bultii yaa’ichaarratti Pireezidaanti Saahilawrqi Paarlaamaa Awurooppaattii Mata duree “Bakka bu’iinsi murteessadha” jedhuun gaggeeffamerratti haasawaa baniinsaa taasisaniin, dubartoonni nageenyaa fi tasgabbii irratti gufuulee mudataanii fi bakka bu’iinsi dubartootaa lakkoofsa qofaan hiikaamuu akka hinqabme ibsuu ragaan Waajjira Pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.