Pireezidaanti Taayyeen walga’ii Ariifachiisaa Sagantaa Misooma qonna hundagalessa Afrikaarratti hirmaachaa jiru
Finfinnee, Amajjii 3, 2017 (FMC)- Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen walga’ii Ariifachiisaa Sagantaa Misooma Qonna Hundagalessa Afrikaarratti hirmaachaa jiraachuun ibsame.
Walga’icharratti Pireezidaantiin Ugaandaa Yuweer Museevenii, Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faakii Mahimmat Hoggantoonni olaanoo Gamtaa Afrikaa, Qondaaltoonni olaanoo Biyyoota Afrikaa ,Ministiroonni Qonnaa biyyoota Afrikaa
fi qooda fudhattonni biroon argamaniiru.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillasee, Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee fi Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ergamtuun Addaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Ambaasaaddar Hiruut Zammanaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaachaa jiru.
Walga’ichaan raawwiin waggoottan 10’n darbanii Sagantaa Misooma Qonna Hundagalessa Afrikaa kan gamaaggamamu ta’uun ibsameera.
Akkasumas tarsimoo fi karoorri bara faranjoota 2026-2035tti hojirra oolu kan ragga’u ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia