Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Taayyeen Antooniyoo Guutareez waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Itiyoophiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii giddu tumsa nagaa fi dhimmoota nageenyaarratti jiru caalmaatti cimsuu haalota dandeessisanirratti mari’achuun ibsameera.

Haaluma kanaan tumsa dame hedduu caalmaatti cimsuufi guddisuun barbaachiisaa ta’uu Pireezidaanti Taayyeen gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Pireezidaanti Taayyeen Antooniyoo Guutareez, Yaa’ii waloo Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaleessa gaggeeffame akka milkaa’uuf gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.