Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis sagantaa Ashaaraa Magariisaa Naannoo Oromiyaa eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuuf karoorfame eegalchiisaniiru.

Pireezidaanti Shimallis saganticharratti ergaa dabarsaniin kanaan duraa Naannoo Oromiyaatti balaan hongee mudachuu yaadachiisanii kunis adabbii umamaanii nurraan ga’eedha jedhan.

Kanaafis, boqonnaa adabbii umamaa kana hojjennee cufuu qabna jedhaniiru.

Ummannis aadaa fi duudhaa isaatti deebi’uun hojjennee seenaa fi sirna keenyaa lafa qabsiisuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Hojiilee hanaga ammaatti hojjetamaniin bu’aalee olaanaan argamuu ibsanii, waggoottan afran dhufaanis biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuun sagantaa biyyaalessaa milkeessuuf akka hojjetamu eeraniiru.

Bara kana bal’inaan biqiltuu nyaataaf oolu irratti xiyyeeffateamee kan dhaabamu ta’uus eeaniiru.

Naannoo keenya akkuma sirbaan magariituu ta’uu ibsaa fi faarsaa turre, gochaan magarituu taasisuun gaarreen ishee kan firiin irraa gangaltu akka ta’u hojii boonsaatu hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.