Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Rizoortii Manneen biyyoota Afrikaa 54’n bakka bu’an qabate eebbisan

Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan Rizoortii fi Ispaan Afrikaa Viilejii Kurriftuu, Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti ijaarame eebbisaniiru.

Sirna eebbichaarratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan akka jedhanitti, xiyyeeffannaa sosochii investimentiif akka biyyaatti kenname bu’uureffachuun, abbootiin qabeenyaa naannichatti hojiilee invastimantiirratti bobba’an bu’aa qabeessa ta’aa dhufaniiru.

Riizoortii fi Ispaan Afrikaa Viileejii Kurriftuu eebbifamees tuurizimii naannichaa cimsuu caalaa akka biyyaatti qabeenya jiru beeksisuuf gahee olaanaa akka qabu dubbatan.

Dabalataan maqaa biyyaa ijaaruun Afrikaa beeksisuu keessatti gahee isaa bahachuuf gumaacha akka qabu kaasaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan gama isaaniin, hojiilee xiyyeeffannaa investimetiif kennameen hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiru ibsanii jiru.
Abbootiin qabeenyaa carraalee jiran fayyadamuun Shaggariin akka misoomsan dhaamaniiru.

Rizoortichi tajaajila ammayyaa kan kennu yoo ta’u, keessummoota sadarkaa Idil Addunyaa keessummeessu kan danda’uu ta’uu Abbaan qabeenyaa Riizoortichaa Obbo Taadiyoos Geetaachoo ibsaniiru.

Riizortichi manneen biyyoota Afrikaa 54’n bakka bu’an kan qabatee fi carraa hojii namoota 800’f kan uume ta’us himaniiru.

Sirna eebbichaarratti dippiloomaatonni, ministiroonnii fi hoggantoonni olaanoon argamaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.