Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Misoomaa Ruuzii Aanaa Boorrachaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Ooromiyaa Shimallis Abdisaan Godina Buunnoo Beddellee Aaanaa Boorrachaatti hojii misoomaa Ruuzii daawwataniiru.

Daawwannichaan hojii misooma ruuzii kilaaster naaxaroo hektaara kuma 2 olirratti misoomaa jiru daawwachuun qonnaan bultoota jajjabeessuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Godinichatti bara kana oomishni ruuzii lafa hektaara kuma 283 irratti misoomuun kunuunfamaa kan jiru yoo ta’u, kanarraas callaan kuntaalli miliyoona 11 akka eegamu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.