Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis M/Barumsa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Gusbaajaay Guraageetti ijaarama ture eebbisisan

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, Mana Barumsa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Gusbaajaay Godina Guraageetti ijaarame eebbisisaniiru.

Eebba mana barumsichaarratti Pireezidaanti Shimallis abdiisaa dabalatee, Pireezidaantii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indaashoo Xaasoo, hoggaantoota olaanoo fedeeraalaa fi jaarsooliin biyyaa akkasumas keessummoonni biroon argamaniiru.

Manni barumsicha bilookiiwwan 8 fi dareewwan barnootaa 46 kan ofii keessaa qabu ta’uun ibsameera.

Ijaarsi Mana Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Guusbaajaa bara 2014 kan eegalee yoo ta’uu bara barnootaa 2016 xumuramuun tajaajilaa barnootaaf baana ta’eera.

Kaayyoon ijaarsa mana barumsichas walitti dhufeenyaa fi obbolummaa hawaasa Oromoo fi Guraagee waggootaniif ture cimsuuf akka ta’e himameera.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.