Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis jila Miseensa Koree Dhaabbii Paartii Komuniistii Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Jila Miseensa Koree Dhaabbii Paartii Komuniistii Chaayinaa Kutaa biyyaa Shandongi Liwu Kiyaangiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Pireezidaanti Shimallis marichaarratti dilbii fi carraawwan misoomaa Naannoo Oromiyaa ilaalchisuun jilichaaf ibsan kennaniiru.

Dabalataan damee misooma dinagdee fi hawaasummaarratti waliin hojjechuu fi muuxannoo misoomaa jiru akkaataa waliirraa qoodachuun danda’amu irratti mari’achuun walhubanaarra ga’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Jilichi hariiroo hundagaleessa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa akkasumas daawwannaa hojii tibba darbe Chaayinaa Magaaloota Cheenduu fi Shangaayitti taasifame bu’uureffachuun Itiyoophiyaa fi Naannoo Oromiyaa daawwachuuf kan dhufan ta’uus ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.