Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 16, 2016 (FBC)-Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan jila Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheey Haayiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota waloo invastimantii, misooma Turizimii, Misooma Albuudaa fi misooma waloorratti marii bu’a qabeessa taasisuu Pireezidaanti ShimallisAbdiisaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Akkasumas akkaataa waliin ta’uun rakkoolee invastimantiiwwan jiran keessatti mudatan furuu, caalmaatti haalaa mijataa umuu, fi invastimantiiwwan dabalataa hawwachuuf waloon hojjechuun danda’amurratti mari’achuu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.