Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis injifannoo jilli Atleetiksii Ityoophiyaa galmeessise ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan injifannoo Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa18ffaa irratti galmeessifte ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Duraan dursee injifannoo atileetonni keenya Shaampiyoonaa atileetiksii Addnyaa 18ffaa irratti galmeessuun mallattoo injifannoo Ityoophiyaa hawaasa addunyaaf mul’isaniif baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaaada.
Akkuma beekamu icciitiin injifannoo Itoophiyaafi lammiilee ishee kutannoo, onnee, tokkummaafi qindoomina abbootii keenyarraa arganneen akka ta’e beekamaadha.
Ityoophiyaan yeroo addaa addaa rakkoowwan nam-tolcheefi uumamaan qoramaa turteetti. Ummanni ishee garuu yeroo tokkoofillee rakkoowwan kanaaf osoo harka hin kennin tokkummaafi gootummaa isaan injifannoo galmeessisuun biyya kabajamtuufi birmadummaa ishee eeggatte itti fufsiisuu danda’eera.
Lammiileen Itoophiyaa dirree qabsoo kamirrattuu injifannoon kan beekamaniif, tokkummaafi jaalala biyya isaaniif qaban irraa kan madde akka ta’e beekamaadha.
Tokkummaan humna. Humna injifannoo ittiin galmeessaniifi gufuuwwan quunnaman ittiin buqqisan. Icciitiin injifannoo keenya hundaas tokkummaa ummata keenyati. Tokkummaan yeroo rakkoos ta’ee gammachuu kan ittiin dhaadataniidha. Har’as bu’aa injifannoo tokkummaa keessatti dhufeerraa ummanni keenya dhadhamachuu eegalus, kana gufachiisuuf shira diinota keenyaa keessaafi alaa wal qindeessuun socho’anis fashaleessuun danda’ameera.
Har’as lammiileen Itoophiyaa akkuma abbootii isaanii kalleessaa jaalala biyya isaaniif qaban agarsiisuuf dirree qabsoo kam keessattuu injifannoo galmeessaa jiru. Gootonni keenya dirree atileetiksii keessatti hirmaatan kanneen akka Ababee Biqilaa, Maammoo Waldee, Geexee Waamii, Daraartuu Tulluu, Tirunesh Dibaabaa, Qananiisaa Baqqalaa, Haayilee H/Silaaseefi kanneen biroo akkasumas atileetonni keenya Shaapiyoonii Addunyaa 18ffaa Ameriikaa Ooregonitti gaggeeffamerratti raajii hojjechuun biyya isaanii boonsan ragaadha.
Injifannoon dhufe kun dhiibbaa guddaa keessa darbuun akka ta’e beekamaadha. Har’as dorgommii hiyyummaarratti taasisaa jirru gufachiisuuf keessaafi alaa dhiibbaan jiraatus tokkummaa ummata keenyaan faajjii injifannoo keenyaa ol kaasuuf yeroo kam caalaa of qopheessinee jirra. Of-duratti fiigaa duuba ilaaluun hin danda’amu.
Galmi keenya badhaadhinaafi fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuudha. Dorgommii hiyyuummaarratti eegalle kana hanga injifannutti duuba hin deebinu. Kanaafi ammoo amileefi hirmaannaan ummata keenyaa iddoo olaanaa waan qabuuf olola humnoota faallaa keenyaaf osoo gurra hin ergisin dirree qabsoo hojii misoomaa keessanitti akka jabaattan dhaama.
Injifannoon atileetonni keenya galmeessan seenaa biyya keenyaa keessatti isa duraati. Kunis qindoomina, jaalala, kutannoo, wal deggersaafi kabaja biyya isaaniif qabanirraa kan maddeedha.
Hunduu kana bu’ureffannee tokkummaafi jaalalaan ummata keenyaaf haa hojjennu jechaa, Atileetota keenyaaf simannaan goototaa waan taasifamuuf, hunduu bakka jirrutti simannaa goototaa akka taasifatniif dhaamasa koo dabarsaa ammas irra deebiin baga gammaddan jechuun barbaada.
Itoophiyaan yeroo hunda Injifattee jiraatti!
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Adoolessa, 2014
Finfinnee
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.