Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Godina Arsii Lixaatti duula qamadii walitti qabuu eegalchiisan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Jilli Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Arsii lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti hojii oomisha qamadii Ganna kilaastaraan misoome walitti qabuu eegalchiiseera.

Mootummaan naannichaa uummata Oromoo dinagdeen cimsuuf xiiqiin hojjechaa jiraachuu Pireezdaanti Shimallis himaniiru.

Godina Arsii Lixaatti qonna Gannaatiin lafti heektaarri kuma 544 fi 618 kan misoome yoo ta’u kana keessaa lafti heektaarri kuma 170 fi 606 qamadiin misoomuun ibsameera.

Haaluma kanaan godinichatti misoomaa qamadiin oomisha kuntaala miiliyoona 5.8 argachuuf karoorfamee walitti qabamaa jiraachuun eerameera.

Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaa 2015/2016’tti qamadii lafa heektaara miliyoona 2.3 ol kan misoome yoo ta’u makaanaayizeeshiniin oomishaaleen kunneen walitti qabamaa jiaraachuu ibsameera.

Oomishaa walitti qabamaa jiruun qamadii kuntaala miiliyoona 80 ol ni argama jedhamee eegamaa.

Tasfaayee Ijjiguu fi BKO

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.