Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Garee Neeppaal waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)-Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan Garee artistoota Neeppaal Torbee Tuurizimii Oromiyaafi Ayyaana Irreechaarratti hirmaatan waliin mari’ataniiru.

Pireezidaanti Shimallis garee kana galateeffachuun, hariiroo aadaafi tuurizimii daran cimsuufi gabbisuuf carraawwan jiran irratti mari’ataniiru.

Gareen artistootaa kunis guddinaafi sochii tuurizimii galma’aa jiru dinqisiifachuun, guddinaafi dagaagina aadaa Oromootiif miira kabajaafi jaalala guddaa horachuu isaanii ibsuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.