Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis ergaa baga ittiin isiin gahee dabarsan

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan bara haaraa 2016 ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Barichi bara hojjetanii itti milkaaan, bara obbolummaa dhugaan tokkummaa keenyan ititee nageenya waaraan itti mirkanaa’u akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Guutuun ergaa isaaniis akka itti dhiyaateera.

Dacheen irra jiraannu marfata yeroo uumaan qajeelchee kenneen hogganamtee, taateewwan jajjaboo jireenya dhala namaatiif hiikoo addaa qaban duraa duubaan keessummeessuudhaan dhala namaa muuxxannoo jireenyaa gonfachiifti.

Yeroon maree darbuufi maree dhufu kun qormaataafi injifannoon kan guutame yoo tau, ilmi namaas qormaataawwan kanneen moachuun injifannoowwan galmeessee eebbaafi carraa gonfachuuf gareefi dhuunfaan ifaaja.

Kanaafis Oromoon duudhaaf safuu, muuxannoo kuufama jireenyaafi ogummaan tikfamuun akka dhuunfaattis tae waloomaan akka sabaatti qormaata injifatee milkii qajeelfata.

Dhuka yeroo lakkaa’ee dhaha isaa xiinxalee waaqa yeroo maree fidee dabarsu, eebba waakkii malee nama badhaasu galateeffata.

Kabajamtoota uummata Oromoofi lammileen Itoophiyaa baga bara 2015 maree darbe ofkaltanii waggaa haaraa bara 2016 maree dhufe nagaan geessan.

Waqtiin Gannaa yeroo roobni sirnaan roobee lafa jiisu, sanyiin facae icciitii uumamaatiin margee Birraa asheetee bilchaatee abdiin qaama uffatee ilma namaaf beenyaa baasudha.

Qormaata waqtii Gannaa obsaan injifatanii, dafqaanis dabaalanii, hojiin cimsanii tumsuun eebba Birraa nama badhaasa. Injifannoos nama gonfachiisa.

Birraan waktii gatiin dadhabbii iccitii uumamaan dachaa dachaan milkaaee eebbaan nama quubsu, abaaboon daraaree dacheen qooree magariisa uffatee miidhagudha.

Lagni Ganna guutee firaaf lammii gargar fageessu, Birraan yoo bariu hiratee, dacheen miidhagina uumamaan faayamtee firaaf lammii walitti dhiyeessuun hariiroo hawaasummaa cimsu, abdii haaressee walooma jabeessu waktii addaati.

Birraan adeemsa yeroon maree dhufee maree darbu qofaa osoo hin taane, jijjiirama buuraa abdiin eegamaa ture qormaata injifachuun qaama uffatee dachee uumamaa bifa haaraan kan miidhaksu, hawaasummaa ilma namaa haaressee jijjiirama olaanaaf kan qopheessuufi tibba uumaan eebba dinqisiisaa iciitii uumamaan baayisee kan hedduu hojjete hedduu badhaasudha.

Bara 2015 dabarsine kana keessa taateewwan idil-addunyaa akka eegamanitti taee, shira dinagdee keenya irratti diinota kenyaan wixinaaeen qaalaiinsi jireenyaa mudatus, tarsiimoowwan adda addaa bocamaniin kaayyoon diinotaa fashalaauu dandaeera.

Hanqina roobaan walqabatees hongee naannawaa horsiisee bulaatti mudateen beeladoonni rakkoof saaxilamanis, humna waloo qindaaeen lubbuun nama tokkollee balaa kanaan utuu hin darbin dandamachuun dandaaameera.

Kabajamtoota uummata biyya keenyaa; waggoota jijjiiramaa dabarsine keessa qormaatilee gara carraatti jijjiiraa, duudhaafi safuu keenya ganamaatti deebiuu eegaluu keenyaan imala qabsoo keenya irraa jalaan gamtaan qajeelfannee, injifannoolee jajjaboo gonfannee jirra.

Waggoonni dabarsine kunneen boqonnaa guddicha kuufama rakkoo siyaasaa, walaansoofi maraammartoo hiyyummaa, rakkoolee bulchiinsa gaariifi jeeqamuu nageenyaa waggoottan hedduu lakkoofsisee ta’us, Itoophiyaa fakkii badhaadhina Afriikaa taasisuuf imalli taasifne milkii nu gonfachiiseera.

Kanaanis biyyi keenya biyyoota Afrikaa diinagdee jabaa qaban keessaa 5ffaa Baha Afriikaatti ammoo 1ffaa tauu dandeessee jirti.

Hojiin akka naannoo keenyaatti uummata keenya hirmaachisuun kutannoon hojjechaa turres milkaaina kanaaf gumaacha olaanaa taasiseera.

Har’i keenya akka kaleessaa dukkana akka hin taaneefi qabsoon keenyas kan moggaatti dhiibameefi boodatti deebiu tauu bira darbee haaromsa jabaa keessatti humna horatee sirna Federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti ijaarameen injifannoo haaraaf nu kaadhimeera.

Ajandaa fudhachuu osoo hin taane, ajandaa misoomaafi nageenyaa kennuutti ceuun danoomina idileessinee kabaja sabootaa ol qabuun Itoophiyaa haaraa hunda keenyaaf taatu waloon ijaaraa jirra.

Biyyi waloomaan ijaaramaa jirtus hundarraa kan ijaaramte, hundaafis kan taatuufi hundaanis kan tikfamtu biyya faajjii birmadummaa ishee Addunyaa irratti kabajan ol qabaa jirtudha.

Uummanni keenyaa duudhaa isaa ganamaatti akka deebiuuf labsiiwwan garagaraa baafneen hojii Tajaajila Lammummaatiin misooma waloo mirkaneessaa, Buusaa Gonofaatiinis rakkoowwan hawaasummaa waloo hiikamuu eegalaniin hojiin ajaaibaa hojjetamaniiru.

Mana Murtii Aadaatiin uummanni keenya dhiyeenyatti haqa argachuu kan itti eegaleefi Gaachana Sirnaatiin nageenyi waloo akka tikfamu hojii hojjetameen maddi qormaatilee guutummaatti goguu baatanis boqonnaa haarawaa akka eegallu nu taasiseera.

Kanaanis humnoonni waloo keenya gaachana rakkoolee uumamaafi namtolchee ittiin qolannu tauu bira darbuun daandii imala naannoo keenyaa milkeessuuf buura amansiisaa kaauu dandaaaniiru.

Inisheetiivota gama qonnaatiin bocaman milkeessuufis dandeettii qonnaan bultootaafi ogeeyyii leenjiiwwan adda addaan jabeessaa, qonna kilaasteraa makaanaayizeeshiiniin geggeessineen biyyi barootaaf harka alagaa eeggachaa turte seenaan ishee jijjiiramee Bonaafi Ganna, Birraafi Arfaasaa oomishuu akka dandeessu addunyaatti agarsfteetti.

Hojii hojjetameenis midhaan nyaataan of dandauu bira dabarree yeroo jalqabaaf qamadii gabaa alaaf erguun keenya kutannoon hojjechuun milkii injifannoo akkaa nama gonfachiisu muliseera.

Bara dabarsine kana qormaata kamiifuu osoo harka hin laatin haala rakkisaa keessatti seenaa dhagaa buuraa kaauu jijjiirree pirojektoota kumaatamoota ijaarree eebbisiisaa, sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hirmaannaa ummata naannoo keenyaan biqiloota miliyoonotaan lakkaaamu dhaabuun ashaaraan dhaloota haraa dhaloota egereef akka darbu taasifneerra.

Kabajamtoota uummattoota keenyaa; barri haaraan 2016 ammoo bara karoora xiiqiiti. Bara itti aadaa hojii keenyaan jijjiirama buuuraa fiduuf waadaa itti gallu qofa osoo hin taane bara hojiiwwan sirna jabaa ijaaruufi fayyadamummaa ummata keenyaa itti mirkaneessinu bara addaati.

Keessumattuu bara itti miira tajaajiltummaan gabbateen ummata keenyaaf hojjennu, kalaqa babalisuun carraawwan hojii kan itti uumnu, sirnaafi seeraaf bitamuun qajeeltoowwan aadaa hojiifi hojimaata dinagdee keenyaa ittiin fooyyeessinu taasifnee itti fayyadamuu qabnudha.

Biyyi barootaaf gootummaa ishee qofaan faarfamaa turte guddina dinagdee isheenis addunyaa irratti akka beekamtuuf xiiqii, kutannoofi cimanii hojjechuu gaafata.

Dhalootaaf galaa galaasuun gadadoo osoo hin taane badhaadhina dhaalchisuun gaee dhaloota haraati. Hiyyummaan xuriidha, xuriin ammoo godaannisa hin fayyine osoo hin taane dhiqatameetu qulqullaaa.

Waan taeef, hiyyummaa obbaafachuun badhaadhina dhugoomsuun dirqama dhaloota haraati.

Barri 2016 bara carraawwan misoomuuf qabnu hunda daguugnee fayyadamuun guddummaa biyya keenyaa itti mirkaneessinu akka tahuuf hunduu qooda isaa baachuu qaba. Akeekni hiyyummaa keessaa bahuuf qabannes kutannoofi cimnee hojjechuu keenya qofaan mirkanaa.

Xumura irratti, barri haaraan uummata Oromoof, saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa hundaaf kan gammachuu, milkii gaariifi imala badhaadhinaa keenya itti milkeesinu akka nuuf taun hawwa.

Oromiyaan ijaarru, Itoophiyaan utubnuufi Gaanfi Afriikaa tasgabbeessinu imala badhaadhinaa keenyaaf utubaa, nageenya waaressuuf riqicha amansiisaafi sirna federaalizimii sabdaneessa mirkaneessuuf buura amansiisaa tauu hubannee hundi keenya biyya keenyaaf waliin haa hojjennu.

Barichi bara hojjetanii itti milkaaan, hundaa ol bara obbolummaa dhugaan tokkummaan keenya ititee nageenya waaraan itti mirkanaau akka nuuf ta’u hawwaa, irra deebiidhaan baga bara haaraa 2016 nagaan geessan jechuun barbaada.

Oromiyaa ni jaarra

Itoophiyaa ni utubna

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina

Waaqayyoos nugargaara.

Shimallis Abdiisaa

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Qaammee, 6/2015

Finfinnee

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.