Pireezidaanti Shimallis Chaayinaatti Bulchaa Itti Aanaa kutaa Shandoong Juunjii Soongii waliin mari’atan
Finfinnee, Mudde 7, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Chaayinaatti Bulchaa Itti Aanaa kutaa Bulchiinsa Shandong Junjii Soongiifi Bakka Bu’oota abbootii qabeenyaa naannichaa waliin mari’ataniiru.
Marii Wajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffame kanaan Pireezidaanti Shimallis dhaabbileen Chaayinaafi kutaaleen bulchiisichaa guddina waloof nu waliin hojjachuu keessaniif isini galateeffanna jedhan .
Hojiiwwaan misooma Inavastimeentii, Indaastiriifi daldalaan naannichi dhaabbilee chaayinaafi kutaa bulchiinsa Shandoong waliin hojjachaa turuu eeraniiru.
Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa muuxannoo adeemsa dinagdee Chaayinaa irraa argameen kan jalqabame ta’uu himaniiru.
Itti Aanaan Bulchaa kutaa Bulchiinsa Shandong Junjii Soongii gama isaaniin Chaayinaan biyya guddoo guddina waloo biyyoota lameeniif hojjattuudhaa jedhan.
Oromiyaan naannoo qabeenya uumaamaa guddaa qabdu ta’u kaasanii, invastaroonni kutaa bulchiinsa Shandong misooma waloof tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru .
Mariin gam-lamee kun Walitti dhufeenyi obbolummaa Naannoo Oromiyaafi Chaayinaatti kutaa bulchiinsa Shandoong kan cimsu ta’uu Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaziiz Daawuud himaniiru.
#Oromiyaa #Ethiopia