Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa jila biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 17, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa jila biyyoota Afrikaa garaagaraa Sagantaa “Torbee Tuuriizimii Oromiyaa” bara 2016 irratti hirmaataan waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanis dhimmoota hariiroo ummataa fi biyyoota naannawaa, daldalaa fi haala waliigalaa naannawaa irratti kan xiyyeeffate tauu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaan Torbee Turiziimii irratti jilli biyyoota Ruwaandaa, Keeniyaa fi Yugandaa irraa baba’an sagantaan akkanaa walitti dhufeenya ummata gama hundaan daran kan cimsuu fi misooma waloof carraa olaanaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis qabeenya beeksisuu fi fayyadamuu akkasumas faayidaa gama hundaaf oolchuun haala danda’amurrattis waliin hojjechuuf fedhii fi qophiin jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.