Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Aanaa Daaboo Haannaatti hojiilee misooma daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC)-Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti hojiilee misooma garaagaraa daawwataniiru.

Aanaa Daaboo Haannaatti hojiiwwan misooma muduraalee fi kilaastera misooma Aato boonsituufi boqqolloo daawwachuun qonnaan bultoota jajjabeessaniiru.

Godinichatti Aatoo boonsituun lafa hektaara 60 irratti misoomaa jirurra callaan kuntaalli miliyoona 1 f kuma 100 ol kan eegamu ta’uun ibsameera.

Oomishni muduraalee addaddaas lafa hektaara kuma 15 olirratti misoomaa kan jiru yoo ta’u, kana keessaa oomishni avokaadoo lafa hektaara kuma 10 irratti misoomaa jira jedhame.

Oomisha boqqolloo lafa hektaara kuma 75 olirratti misoomeerra callaan kuntaalli miliyoonni 3 f kuma 500 ol ni argaman kan eegamu ta’uu ragaan Kominikeeshinii Godinicharra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.