Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen maaddii qoodan

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen jijjiirraa bara haaraa sababeeffachuun Giddugalaa Dandamchisaa fi Tursisa Yeroo Daa’immanii Magaalaa Finfinneetti argamuun maadii qoodaniiru.

Saganticharrattis barri haaraan akka abdannuu kan afeeruudha jedhan.

Bara haaraatti waldeeggaruu fi waliif yaaduun dabarsuun akka barbaachisu eeranii, sagantaan har’aas maaddii qooduu qofaa utuu hintaane guddattoota dubartoota jajjabeessuu fi cinaa dhaabbaachuun tumsa itti argisisuuf ta’uu himan.

Hoji Gaggeessaan Giddugalichaa Yaadanee Birhaanuun gama isaaniin, Pireezidaantittiin maaddiin qoodan daa’immaan deeggaruuf, daran akka abdii horatanii fi kaka’umsa kan uumu ta’uu himaniiru.

Sagantaa maadii qooduu gaggeeffameefis galateeffachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.