Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi guyyaa Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa Idil Addunyaa ilaalchisuun ergaa dabarsan

Finfinnee, Eebla 29, 2015 (FBC)-Pireezidaantiin FDRI fi Dura Eessuun Waldaa Fannoo Diimaa Ityoophiyaa Sahilarqi Zawudeen guyyaa Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa Idil Addunyaa ilaalchisuun ergaa baga ittin isin gahee dabarsaniiru.

Guyyichi akka addunyaatti yeroo 76ffaaf, akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 65ffaaf kan kabajamu yoo ta’u, guyyaan Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa Idil-Addunyaa baranaa mata duree “Onnee irraa namummaaf” jedhuun ta’uun eerameera.

Mata durechi, tola ooltonnii fi hojjettoonni, namoota balaa uumamaa fi namtolcheen miidhaman baraaran, sadarkaa rakkoolee kanneenii fi bal’ina kaayyoo dhaabbataniif hubachuun, dhala namaa deegarsa barbaadan tajaajila namoomaa abdii horuu addaa durummaan onneerraa kan kennan ta’uu kan akeeku ta’uu ibsaniiru.

Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaas waldaa angafaa, waggoottan 87 darbaniif tola ooltotaa fi hojjettoota namummaan onnee isaanii irraa maddeen hoogganamaa, tajaajila namoomaa kennaa jiru ta’uu eeraniiru.

Tola ooltonni fi hojjettoonni Waldaa Fannoo Diimaa haala rakkisaa keessatti socho’uun lubbuu namoota sababa rakkoo namoomaa yeroo dhiyoo as Ityoophiyaa keessatti mudate, keessumaa sababa walitti bu’iinsaa fi hongee mudateen miidhaaf saaxilaman baraaruuf hojjechaa turuu fakkeenyummaan kaasaniiru.

Tola ooltonnii fi hojjettoonni tajaajila namoomaaf wayita socho’anitti, lubbuu isaanii hanga wareeguutti of kennuun namummaa gita hinqabne kan qaban ta’uun dinqisiifannaa olaanaa akka qabaniif ibsaniiru.

Hawaasni hojjettoota fi tola ooltota Waldaa Fannoo Diimaa cinaa dhaabbachuun waldichaaf deeggrsa barbaachisa akka taasisan waamicha dhiyeessuu ragaan waajjira Pireezidaantii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.