Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi Fooramii Aadaa Nageenyaa Paan Afrikaa 3ffaarratti hirmaatan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen Fooramii Aadaa nageenyaa Paan Afrikaa 3ffaarratti hirmaataniiru.

Fooramichi Gamtaan Afrikaa, Angoolaan Dhaabbataa Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) waliin ta’uun kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Pireezidaanti Saahilawarqi Fooramichaan cinaatti Pireezidaantii Angoolaa Jo’aa’oo Looreensi waliini mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen qabsoon bilisummaa Angoolaa erga eegalee sadarkaa garaagaraatti hariiroo cimaa akka qaban kaasaniiru.

Dabalataanis, fooramichi hariiroo gamlamee cimsuu dabalatee dhimmoota garaagaraarratti mari’achuuf kan tumsu ta’uu ibasniiru.

“Fooramiin Aadaa Nageenyaa Paan Afrikaa” jijjiirama aadaa ardichaa fi mariiwwan dhaloota gidduutti gaggeeffaman jajjabeessuun, aadaa hokkaraa fi walitti bu’iisa furuu beeksisuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.