Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi Daayrektara olaanaa Dhaabbataa Godaantota Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen, Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Godaatotaa Addunyaa Emmii Pooppi waliin mari’ataniiru.

Emmii Pooppi dawwannaa hojii isaanii Itiyoophiyaatti taasisaniiru.

Daawwannaa isaaniin cinaattis, marii Pireezidaantii Saahilawarqi Zawudee waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun kaayyoo dhaabbataa isaanii galmaan ga’uu keessatti gumaacha olaanaa kan bahattu ta’uu eeran.

Buqqaatotarrattis daran bal’inaan hojjechuu akka barbaachisus gaafataniiru.

Godaantotaan walqabatees naannawichatti walga’ii ministiroota dhimmichi ilaallatuu keessummeessuuf hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.