Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen sadarkaa addunyaatti barnoonni hunda bira gahuu qaba jedhan

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Sadarkaa idil addunyaatti barnootni hunda bira gahuu akka qabuufi fayyadamummaa waloof itti gaafatamummaa waloo fudhachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen yaa’ii jijjiirama barnootaarratti xiyyeeffatu irratti gama marsaritiin hirmaachuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin sadarkaa addunyaatti barnoonni hunda bira gahuu qaba jedhaniiru.

Kanaaf ammoo waliigaltee hawaasummaa haaraatu barbaachisa jedhan.

Sirni murtoo dabarsuu wayita jijjiiramus manneen barnoota akka dhaabbilee addaatti eegamuu akka qaban ibsuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaaseen gama Tiwiitera isaaniin eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.