Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarq Pireezidaantii Kootdivaayeer waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Pireezidaantii Kootdivaayeer Alaasaanee Otaaraa waliin mari’ataniiru.

Mari isaaniin hojiilee tumsa biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetameef beekkamtii laataniiru.

Yeroo itti aanus hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen Fooramii Invastimantii Afrikaa Kootdivaayeer magaalaa Abiijaanitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuu ibsameera.

Fooramichi Baankii Misoomaa Afrikaan qophaa’uu eerameera.

Carraalee invastimantii Ityoophiyaan qabduufi dameewwan xiyyeeffannoon itti kennaman irratti  ibsa taasisaniiru.

Wayita rakkoos carraawwan gaariin jiraachuu eeruun, wabii nyaataa mirkaneessuuf oomishni qamadii Ityoophiyaa bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu eeraniiru.

Ilaalchi Afrikaan ardii dureettii uummanni hiyyeeyyiin keessa jiraatanidha jedhu jijjiiramuu akka qabu dubbataniiru.

Dabalataanis waltajjii marii ‘dubartoonni injifattoota Invastimantii’ jedhurratti haasaa kan taasisan yoo ta’u, yaadota qaawwaa hirmaannaa dubartootaa danqan furuu  danda’an dhiyeessuu ibsameera.

Piroojektiiwwan abbootii qabeenyaa fooramicharratti hirmaataniif dhiyaatan keessaa Hospitaalli Roohaa magaalaa Finfinneetti ijaaramuuf yaadame tokko ta’uu kaafameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.