Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarq Pireezidaantii dhaabbata Giiftii Dureewwan Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Pireezidaantii yeroo dhaabbata Giiftii Dureewwan Afrikaa Moonikaa Giingoos waliin mari’ataniiru.

Moonikaa Giingoos Giiftii Duree Naamiibiyaa yoo ta’an, Pireezidaanti Saahilawarq waliin haala ga’ee hoggantoota dubartootaa dabaluun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dandeettii hoggantoota Dubartoota Afrikaa fayyadamuu fi lakkoofsa isaan akkaataa dabaluun danda’amurratti mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Akkasumas ogummaa, ga’umsaa fi qooda hoggantoota dubartoota Afrikaa haala waloon cimsuun danda’amurratti marii gaggeessuu isaanii eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.