Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Ristuu Yirdaawu fi Obbo Ahimad Shiideen godina Kaambaataa Xambaarootti biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Ummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaaw fi Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen sagantaa Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaan godina Kaambaataa Xambaarootti biqiltuu dhaabaniiru.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti hojjettoonnii fi hoggantoonni Ministeera Maallaqaa fi dhaabbilee waamamtootaa, akkasumas Hojjettoonnii fi hoggantoonni Biiroo Maallaqaa naannoo Kibbaa hirmaachuu ibsameera.
Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaaw naannichatti waggoottan 3 darban sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwa biiliyoonni 3 ol dhaabbachuu ibsaniiru.
Biqiltuuwwan kanneen keessaa dhibbeentaan 84% latuu himaniiru.
Bara kanas biqiltuuwwan biiliyoonni 1 ol kan dhaabamu ta’uus ibsaniiru.
Biqilaa Tufaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.