Pireezidaanti Puutiin misaa’ela haaraa Orshiinik kan fayyadaman ta’uu ibsan
Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, haleellaa Yuukreen biyya isaanirratti raawwattuuf misaa’ela haaraa Orshiinik fayyadamuun deebii kan kennan ta’uu ibsan.
Pireezidaanti Puutiin kana kan jedhan daawwannaa biyya michuu Raashiyaa Kaazaakistaanitti gaggeessaniin deeggarsa Dippiloomaasii argachuuf hawaasa taasiisaniin.
Raashiyaan misaa’ela haaraa Orshiinik fayyadamuun haleellaa raawwachuuf iddoolee qiyyeeffannaa Yuukreen adda baasaa jiraachuu himaniiru.
Mooskoon dursitee Misaa’eloota kanneen hedduu oomishuu eeruun, misaa’ela fageenya giddu galeessaa bu’aa qabeessa kana ammaas baay’inaan oomishaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaatti Misaa’eela Orshiinikiin misaa’elli gitu hin jiru jedhan.
Qiyyeeffannoowwan lafa jala jiran dabalatee haleellaa milkaa’aa raawwachuu kan danda’uu ta’uu eeraniiru.
Misaa’elichi dachaa 10 sagaleerra saffisa qabaachuu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia