Pireezidaanti Putiinii fi Eerdohaan dhimmoota waloo fi haala waqtaawaa Yukreenirratti bilbilaan mari’atan
Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiinii fi Gitni isaanii Turkii Reesiip Xaayib Eerdohaan tumsa diinagdee waloo fi haala waqtaawaa Yukreenirratti bilbilaan mari’ataniiru.
Hoggantoonni kunneen tumsa diinagdee fi jijjiirraa daldalaa guddisuu, uwwisa seera kontiraataa fooyyessuu fi haala sharafa biyya keessaan bittaa fi gurgurtaa raawwachuu danda’anirratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Akkasumas haala Raashiyaan dhiyeessii humnaa osoo adda hin kutin itti fufu dandeessuurratti mari’achuu isaanii Shiiniwaan Kireemiiliin wabeeffachuun gabaaseera.
Tumsaan hojjechuuf waliigaluu isaaniis ibsameera.
Haala nageenya Galaana Guraachaa eeguun oomisha midhaan dheedhii gabaa addunyaaf dhiyeessuun danda’amurratti marii taasiisuu isaaniis himameera.
Pireezidaanti Eerdohaan adeemsa marii Raashiyaa fi Yukreen gidduu jiru eegalchiisuuf tattaaffii taasiifamu kamiiyyuu deeggaruuf qophii ta’uu ibsuu isaanii Waajjirri Pireezidaantii Turkii beeksiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.